Fana: At a Speed of Life!

Juubaatti dorgommii fiigichaa kabachiistota nageenyaa idil addunyaa gidduutti gaggeeffameen loltuu Baanta’iddil Yittaayaw injifate

Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC)- Suudaan Kibbaa Juubaatti dorgommii fiigichaa kiiloo meetira 12 miseensota kabachiistota nageenyaa idil addunyaa  biyyoota 120 irraa walitti babba’an gidduutti gaggeeffameen loltuu Baantee’iddil Yittaayaw injifateera.

Dorgommichaan misensa nageenya kabachiisaa Mootaraayizdii 15ffaa kan ta’e Baantee’iddil Yittaayaw Ityoophiyaa bakka bu’ee 1ffaa ba’uun badhaasa meedaaliyaa warqee argateera.

Ajajoonni kumaa biyyoota garaagaraa haala qilleensaa fi teessuma lafaa rakkisaa keessatti dirqama isaanii ba’achuun cinaatti xiyyeeffannoon ispoortiif kennaniin galateeffamuu kan qaban ta’uu Juubaatti Itti gaafatamaan  Humna Kabachiisa Nageenyaa Idil Addunyaa Jeneraal Niikoolaas Hayikan ibsaniiru.

Ajajoonni dhibbaa nageenyaa kabajchiisuun, ambaasaaddaroota biyyaa isaanii waan ta’aniif, dorgommiin ispoortii kunis aadaa biyya isaanii beeksisiif caarraa gaarii ta’uu eeruun, kanaas cimsanii itti fufuu akka qaban dhaamuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisaa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Atileetiin Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgome loltuu atileet Baantee’iddil Yittaayyaw dorgommiicha irratti muuxannoo guddaa akka horate ibsuun, fuulduratti biyyaa fi dhaabbata isaanii beeksisuuf ciminaan hojjechuu akka itti fufan ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.