Fana: At a Speed of Life!

Kaaba Gaazaatti daa’immaan sababa hanqina nyaataan du’aa jiraachuu DhFA beeksiise

Finfinnee, Guraandhala 26, 2016 (FBC) – Kaaba Gaazaatti daa’immaan sababa hanqina nyaataan du’aa jiraachuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiise.
Kaaba Gaazaatti Hospitaaloonni barbadaa’uu, hanqinni dhiyeessii qorichaa, nyaataa fi boba’aa mudachuun daa’imaan du’aa jiraachuu Daayrektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom ibsaniiru.
Gaazaatti lammiileen hedduun sababa beelaan du’aa jiraachuu miidiyaaleen addunyaa gabaasaa jiru.
Hanga ammaatti daa’imman 10 ta’an sababa beelaan du’uu isaanii Dooktar Teediroos himaniiru.
Gama biroon Hospitaala Kaamaal Adwaan jedhamu keessatti qofa daa’immaan 15 beelaan du’uu Ministeerri Fayyaa Filisxeem ibseera.
Daa’immaan kuma 300 ta’an ammoo nyaata muraasa qofa argachaa haala rakkisaa keessa jiraachuu Dooktar Teediroos eeraniiru.
Naannawaa Gaazaa Sarxitti lammiileen kumni 576 sababa hanqina nyaataan haala rakkisaa keessa jiraachuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaanii beeksiseera.
Daa’immaan umrii waggaa 2 gadii Kaaba Gaazaa keessa jiran keessaa tokko sababa hanqina nyaataan dararaa hamaa keessa jiraachuu eeruu BBCn gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.