Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen magaalichaa kaarkulama Af daneessaa ilaalchisee murtoo dabarse

Finfinnee, Amajjii 4, 2015 (FBC) – Kaabineen magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 8ffaa waggaa 2ffaa gaggeesseen kaarkulama Af daneessaa ilaalchisee murtoo dabarseera.

Haaluma kanaan,

1. Barattoonni afaan Oromoon baratan Afaan Amaaraa akka afaan 2ffaatti akka baratan,

2.Barattoonni Afaan Amaaraan baratan Afaan Oromoo akka afaan 2ffaatti akka baratan,

3.Kutaa 7ffaa jalqabee manneen barnootaa magaalichaa hunda keessatti gosti barnootaa hundi Afaan Ingiliziin akka laatamu murteesseera.
4.Kutaa 9 fi 10ffaatti Afaan Arabaa fi Faransaay akka filannootti gosa barnootaa ta’anii akka laataman,

5.Barnoonni idileen duraa sadarkaa 1ffaa umrii waggaa 4 akka eegalamu,

6.Kutaa 11ffaa fi 12ffaatti akaataa sirna barnootaa haaraan barnoonni hojii fi Teeknikaa akka filannootti akka baratamu,

7.Hanqina kutaabilee manneen barnootaa dhuunfaa furuuf kitaabilee gurgurtaan dhiyeessuuf maxxansa kitaabaaf Fandii naannawaan Birrii miiliyoonni 250 baajanni dabalaataa akka eeyyamamu murteesseera.

Sirna barnootaa Afaan Oromoon barsiisuuf Bulchiinsa naannoo Oromiyaarraa fudhatamee hojiirra oolaa ture sirna barnootaa haaraan kan bakka bu’u ta’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.