Fana: At a Speed of Life!

Kaanseriin Harmaa maali?

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2016 (FBC) – Kaanseriin harmaa sababa rakkoo seeliin harmaa jijjiiramuu fi of baay’isuudhan kan muudatu ta’ee, gosoota kaanserii du’aatii fidaan keessaa sadarkaa jalqabaa irratti argama.

Kaanserii Harmaatiif Waantota nama saaxilan:

• Umuriin namaa dabalaa deemuu fi umurii xiqqaatti ulfaa’uu

• Furdina gar-malee

• Tamboo xuuxuu fi alkoolii baay’isanii dhuguu

• Maatii fi firoota keessaa namni kaansarii kanaan dhukkubsatan yoo jiraate

• Namoota yaaliin cararii (radiation therapy) taasifameef
Mallattoolee mul’atan:

• Guddinnii fi bocni harmaa jijjiiramuu
• Bifni gogaa harmaa yookiin fiixee harmaa jijjiiramuu

• Dhangala’aan fiixee harmaa keessaan ba’uu

• Waan jajjabaataan/dhiitoo xiqqaan harma keessatti argamuu

• Dhiitoon naannoo harmaa/ bobaa jalatti mul’achuu

Toftaalee Ittisaa fi waan taasifamuu qabu:

– Fayyummaa harmaa fi haala jijjiirama isaa hordofuu

– Furdina hir’isuu, tamboo fi alkoolii dhiisuu

– Mallattooleen dhukkubbii fi jijjiiramni harma irratti yoo jiraate dafanii yaalii barbaachisaa (Qorichaan, raadiyeshinii fi baqaqsanii yaaluu) argachuu fi hordoffii taasisuu ta’uu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.