Fana: At a Speed of Life!

Kaffaltoonni gibiraa federaalaa gibira irraa eegamu karaa elektirooniiksiin akka kaffalan gaafatame

Finfinnee, Muddee 24, 2012 (FBC) – Kaffaltoonni gibiraa federaalaa yeroon kaffaltii isaanii osoo hin xumuramin gibira irraa eegamu karaa elektirooniiksiin akka kaffalan Ministeerri Galiiwwanii gaafate.

Kaffaltoonni gibiraa olaanoo, jiddugaleessaa, akkasumas xiqqaan bahaa fi dhiha magaalaa Finfinneetti keessummeeffaman yeroon kaffaltii osoo hin xumuramin mala elektirooniiksiin akka kaffalan gaafatameera.

Muuddee keessa i-faayil godhanii kaffaltii i-peeymant kan hin raawwatin, yeroon kaffaltii osoo hin xumuramin dirqama isaanii akka ba’atan ministeerichi gaafateera.

Karaa iintarneet baankiingii yookin baatii Muddee qofaaf karaa damee Baankii Daldalaa herreega itti bananitti koorbaankiingiin akka kaffalan waamichi dhiyaatera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.