Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoota 63f, himannaan adda citeera

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Kanaan dura namoonni yakkoota addaddaatin shakkaman 63, himannaan isaanii adda citeefii ni gadhiifamu.
 
Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaa ibsa har’a laaten akka beeksisetti namoonni himannaan addaan citeef, faayidaan ummataa fi biyyaaf qaban ilaalcha keessa galeeti jedheera.
 
Daayreektarri Koominikeeshinii Abbaa Alangee Waliigalaa Federaalaa obbo Zinaabuu Tunaa fi abbaa alangichaatti daayreektarri daayreektoreetii yakkoota daangaa ce’anii obbo Fiqaaduu Tsaggaan ibsicha laataniiru.
 
Hiikamuun isaanii jijjiirramaa fi tokkummaa biyyaatif gumaacha qabu, faayidaa ummataa fi biyyaa ilaalcha keessa galchuudhan himannaan adda citeefira jedhan,
 
Gochaa malaammaltummaa Meeteek waliin walqabatee raawwatame, dhiibbaa mirga namoomaarratti ga’ee hoggansaa kan hin qabaatin himannaan adda citeefira.
 
Shakkamtoota 3,606 keessaa 1,682 to’annoo jala jiru.
 
63n keessaa shakkamtoonni Meeteek, naannoo Somaalee, Beenishaanguul Guumz, Sidaamaa, gochaa Waxabajjii 15 waliin kan walqabate keessatti argamu.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.