Fana: At a Speed of Life!

Karoorri sagantaa Fooyya’iinsa Ekisteenshinii Fayyaa naannoo Somaalee ifoome

Finfinnee, Hagayya 27, 2013 (FBC) – Karoorri sagantaa Fooyya’iinsa Ekisteenshinii Fayyaa naannoo Somaalee bakka Hoggansi Mootummaa Federaalaa fi naannoo argamanitti ifoomeera.
Karoorri kun bara 2013 hanga 2027tti kan tajaajilu ta’uu ibsameera.
Karoorri Ekisteenshinii Fayyaa waggoottaan 15 darbaniif hojiirra ture Ittisarratti kan hunda’ee fi tarsiimoo fayyaan ga’ee olaanaa taphachaa turuu Ministir Deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa ibsaniiru.
Akka biyyattiitti Keellawwan Fayyaa kumni 17 ijaarramuu fi hunda keessatti ogeeyyiin Ekisteenshinii Fayyaa ramadamuun hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Sagantaan Ekisteenshinii Fayyaa waggootaan 15 darban hojiirra ture jireenya hawaasaa kan jijjiire ta’uu Itti aanaan Preezdaantii Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad ibsuu isaanii Ejansiin Miidiyaa naannoo Somaalee gabaaseera.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.