Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedhii qabdi – Ministira Dhimma Alaa Keeniyaa

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Keeniyaa Reeyisheel Oomaamoon Keeniyaatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Mallas Alem waliin mari’ataniiru.
Ityoophiyaa fi Keeniyaan hariiroo bara dheeraa lakkoofsise ollaa fi michuu dhiyoo gaanfa Afrikaaf fakkeenya ta’an ta’uu Ambaasaaddar Reeyisheel Oomaamoon eeraniiru.
Yeroo itti aanu hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf Keeniyaan gama isheen fedhii qabaachuu himaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa lammiilee sababa waraanaan miidhaman deebisee ijaaruu fi Maree Biyyaalessaa hunda galeessa gaggeessuuf tattaaffii taasisaa jiru mootummaan Keeniyaa kan dinqisiifatu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Keenyiyaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Ambaasaaddar Mallas Alem gama isaaniin, ergaa Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin ministirittiif ergan laachuun haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Hariiroon siyaasaa seenaa qabeessi bara dheeraa biyyoota lamaanii gara Hariiroo Diinagdee fi hawaasummatti guddachuu ibsaniiru.
Damee Ispoortii fi Dippiloomaasiin hojiilee yeroo ammaa eegalame caalmaatti cimsuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Ambaasaaddar Mallas Alem turtii Keeniyatti taasiisaniin hariiroon biyyoota lamaanii daraan akka fooyya’uuf gumaacha godhaniif Badhaasni Addaa (Nyayo Simba) laatameefira.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.