Fana: At a Speed of Life!

Kiim Joong Uun tarkaaffii waraanaa Kooriyaa Kibbaarratti fudhachuuf jedhan haqan

Finfinnee,Waxabajjii 17,2012 (FBC) – Kooriyaan Kaabaa tarkaaffii waraanaa ollaa ishee Kooriyaa Kibbaarratti fudhachuuf turte haquu beeksifte.
 
Koomishiiniin wiirtuu Waraanaa Paartii biyya bulchuu viidiyoo koonfarnsiin marii erga taasisee booda Piiyoongiyaang tarkaaffii waraanaa fudhachuuf yaadde haquu beeksifteerti.
 
Yeroo dhiyoo as daangaa biyyoota lameeniirratti barreeffamoonn qabiyyee farra Kooriyaa Kaabaa qabu bal’inaan tamsa’aa tureera.
 
Piiyoongiyaang gochaan kun waliigaltee biyyoota lamaanii kan cabsee fi kabaja biyyaaleessaa koo kan tuqu jechuun komateerti.
 
Kooriyaa Kibbaaf deebii laachuuf ergaa qabiyyee farra Kooriyaa Kibbaa qabatee dabarsuuf sagalee guddiftuuwwan naannoo daangaatti qopheessaa turteerti.
 
Sababa kanaan biyyoonni lamaan waliitti bu’iinsa cimaa keessa galanii turuutu ibsame.
 
Dabalataan Piiyoongiyaang tarkaaffii waraanaa Kooriyaa Kibbaarratti fudhachuuf karoora qopheessaa akka turte ragaaleen ni muul’isu.
 
Yeroo ammaa garuu Koomishiiniin wiirtuu Waraanaa haala jiru yaada keessa galchuun tarkaaffii fudhaturraa of qusachuu ibsameera.
 
Sagalee guddiftuuwwan naannoo daangaatti qopheessitees kaasuuf waliigalteerra ga’uu ishee ibsameera.
 
Maddi:- al jazeera
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.