Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Maree biyyaalessaa gara boqonnaa qophiitti ce’uu beeksise

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2014 (FBC) – Komishiniin Maree biyyaalessaa hojii qophii duraa xumuruun gara boqonnaa qophiitti ce’uu Walitti qabaan komishinichaa Piroofeesar Masfin Aariyaan ibsan.

Boqonnaa qophii duraan hojiin gurmeessuu raawwatamuu Piroofeesar Masfin eeraniiru.

Sagantaa gochaa baasuun hojiin gara boqonnaa qophiitti seenuu raawwatamuu ibsaniiru.

Boqonnaa qophii kanaan hojiileen tarsiimoo karoora baajataa baasuu xumuramaa jiraachuu dubbataniiru.

Yeroo gabaabaatti mana maree bakka bu’oota ummataan ragga’uun gara hojiitti galamuu akka qabu ibsaniiru.

Boqonnaan kanaan namoota marii dursanii fi qooda fudhattoota filachuun hojiin leenjii kennuu ni raawwatama jedhan Piroofeesar Masfin.

Boqonnaan qophii kun bara dhufu baatiwwan jalqabaa xumuramuu akka danda’an kaasaniiru.

Ityoophiyaanoonni marichaan rakkoolee jiran maskuun dhaloota dhufuuf waan gaarii dhaalchisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Biyyattiitti nageenyi waaraa akka bu’u hundi gara mariitti seenuu qabu jedha.

Maddi:TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.