Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Misooma Mana Amantichaa lammiilee waraanaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 25 ol taasise

Finfinnee, Sadaasa 15, 2015(FBC)- Komishiniin Misooma Mana Amantaa Kiristaanaa Qaalahiwoot naannoo Amaaraatti lammiilee sababa waraanaan miidhamaniif deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 25fi kuma dhibba 6 taasise.

Deeggarsichi lammiilee magaalota Habruu, Gubbaa Laaftoofi Qobboo keessatti rakkoo keessa jiraniif raabsamaa jiraachuu Komishinarri Komishinii misoomichaa Tafarraa Teeleeroon ibsaniiru.

Yeroo itti aanutti dhaabbilee tajaajilaafi hojii misooma qonnaa deebisanii dhaabuuf kan dandeessisuufi waggaa lamaaf kan turu Birrii miiliyoona 68 ol ramaduun lammiilee kuma 68 ol fayyadamoo taasisuuf gara hojiitti galuu kaasaniiru.

Deeggarsichi gama Komishinii Misooma Mana Amantaa Kiristaanaa Qaalahiwoot dhaabbilee deeggartootarraa kan argame ta’uu ragaan Kominikeeshinii godina Walloo Kaabaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.