Fana: At a Speed of Life!

Komooroos yeroo jalqabaaf Waancaa Afrikaaf dabarte

Finfinnee, Bitootessa 17, 2013 (FBC) – Komooroos seenaa keessatti yeroo jalqabaaf Waancaa Afrikaaf dabarte.

Komoroos biyya ummata kuma dhibba 9 gadi qabdu yoo taatu yeroo jalqabaaf Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaaf darbuu ishee mirkaneeffateerti.

Garee biyyaalessa Toogoo waliin goolii malee xummuruu ishee hordofee biyyi Odolaa ummata xiqqoo qabdu Komoros Waancaa Afrikaa qopheessummaa Kaameeruuniin gaggeeffamuuf darbuu ishee mirkaneeffateert.

Taphoota 5 gaggeessuun qabxii 9 walitti qabateen Gibtsitti aanaan sadarkaa 2ffaa argatee jirti.

Kanaanis Keeniyaa fi Toogoo walduraa duuban qabxii 4 fi 2 qaban caaluun sadarkaa 2ffaan dabarteerti.

Tapha xummuraa ramaddichaa Gibtsi waliin Kaayirootti ni taphatti jedhame.

Dabalataan biyyi Xiqqoon Afrikaa Gaambiyaanis yeroo jalqabaaf hirmaannaa Waancaa Afrikaa argatteerti.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.