Fana: At a Speed of Life!

Konkolaattonni fe’umsaa deeggarsa namoomaa fe’an 47 gara naannoo Tigraayitti imalaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) –Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jalatti qindeessummaa Sagntaa Nyaata Addunyaan Konkolaattonni fe’umsaa deeggarsa namoomaa fe’an 47 gara naannoo Tigraayitti imalaa jiraachuu dhaabbatichi ibseera.

Deeggarsi namoomaa imalchiifamaa jiru deeggarsa nyaataa, nyaata madaalamaa fi kanneen biroo ta’uu ibsameera.

Dhiyeessii nyaataa dabalataan konkolaattonni bootteen 3 boba’aa fe’uun konkolaataawwan deeggarsaa kanneen waliin imalaa jiraachuu dhaabbatichi gama Twitara isaatiin beeksiseera.

Boba’aan konkolaataawwan kanneen waliin geejjibsiifamu faayidaa konkolaattota kanneeniif kan oolu ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.