Fana: At a Speed of Life!

Konkolaattoonni Naannoo Tigraay galan deebi’uu dhabuun dhiyyeessii deeggarsa namoomarratti rakkoo uumuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 12, 2014 (FBC) – Konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe’anii naannoo Tigraay galan deebi’uu dhabuun dhiyyeessii deeggarsa namoomarratti rakkoo uumuu ibsameera.
Konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe’anii naannoo Tigraay galan deebi’uu dhabuun dhiyyeessii deeggarsa namoomarratti rakkoo uumuu Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa obbo Mitikkuu kaasaa ibsaniiru.
Konkolaattoota deeggarsa namoomaa fe’anii naannoo Tigraay galan 466 keessaa 428 osoo hin deebi’anii hafuun dhiyyeessii deeggarsa namoomarratti rakkoo uumuu ibsaniiru.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dhimma kana balaaleffachuu dhabuun rakkoo hammaataa uumuu kaasaniiru.
Konkolaattoonni kunneen deebi’uu dhabuun hanqina Boba’aati jedhuun sababni gareen Shororkeessaa ABUT dhiyeessaa jiru fudhatama kan hin qabne ta’oo Komishinar Mitikkuun eeraniiru.
Boba’aan ga’aan gara naannichaa akka galu taasiifamuu kaasaniiru.
Rakkoo beelaa naannoo Tigraayitti muudachaa jiruuf mootummaa Federaalaa Itti hin gaafatamu jechuun ibsaniiru.
Maddi:-DhPI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.