Fana: At a Speed of Life!

Koolleejjiin Poolisii Oromiyaa miidhaa bineensoota bosonaarra gahu hambisuuf sanada waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2014 (FBC)- Koolleejjiin Poolisii Oromiyaa  Abbaa Taayitaa Eegumsa Bineensa Bosonaa Ityoophiyaa waliin miidhaa bineensoota bosonaarra gahu hambisuuf sanada waliigaltee mallatteesseera.

Dhaabbileen kunneen akkaataa eegumsa bineensoota bosonaaf taasifamuu cimsuun danda’amurratti waliin hojjechuufis waliigalaniiru.

Daayreektarri Olaanaan Koolleejjiicha gargaaraa Koomishinaraa Tolchaa Magarsaa, miidhaa bineensootaa fi qabeenya uumamaarra gahu xiqqeessuuf Kolleejjiin isaanii leenjii hubannoo uumuu, qorannoo fi olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjechaa ture cimsee itti fufa jedhan.

Uummanni Oromoos, duudhaa kunuunsa qabeenya uumamaa sirna Gadaarra dhaale hojirra oolchuun faayidaa tuurizimii fi diinagdee biyyaaf oolchuu akka qabu dhaaman.

Daayreektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Eegumsa Bineensa Bosonaa Ityoophiyaa Obbo Kumarraa Waaqjiraa, dhaabbanni isaanii Koolleejjii Poolisii Oromiyaa waliin hojjechuu erga eegalee waggoota lakkoofsisus, hariiroo ture cimsuuf sanada wal hubannoo kana mallatteessun barbaachise jedhan.

Akka OBN gabaaseetti daayreektarri Olaanaan Inistitiyuutii Leenjii Ogeeyyii Qaamolee Haqaa fi Qo’annoo Seeraa Oromiyaa fi miseensi Boordii Koollejjii Poolisii Oromiyaa Obbo Tasfaayee Booressaa, yakkoonni bineensoota bosonaarra gahan hundi murtii haqaa akka argataniif xiyyeeffannoon hojjenna jedhaniru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.