Fana: At a Speed of Life!

Koolleejjiin Saayinsii Fayyaa Hararii barattoota ogummaa yaala fayyaa damee garaagaraan barasiisaa ture eebbisse

Finfinnee, Muddee 10, 2013 (FBC) – Koolleejjin Saayinsii Fayyaa Hararii barattoota ogummaa yaala fayyaa damee garaagaraan barsiisaa turu 969 har’a eebbisiiseera.

Koolleejjichi har’a yeroo 25ffaaf barattoota 508 digrii jalqabaan, barattootaa 461dippiloomaan eebbisiisera.

Kaadhimamtoonni har’a eebbifaman 288 sagantaa idilee digrii warreen hordofan yoo ta’an 461 ammoo barnootaa leenjii ogummaa fi Teeknikaa sadarkaa 4ffaan kanneen eebbifamaniidha.

Akkasumas barattoonni 220 sagantaa idileen alaan barnoota isaanii kanneen baratan ta’uu ibsameera.

Sirna eebbichaarratti itti aantuu Preezdaantii bulchiinsa mootummaa Hararii aadde Missiraa Abdalaa dabalatee hoogantoonni olaanoon koollejjichaa fi keessummoonni kabajaaa argamaniiru.

Tashoomaa Hayiluutu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.