Fana: At a Speed of Life!

Koonfaransiin hoggansa Paartii Badhaadhinaa Amaaraa guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Hagayya 7, 2012 (FBC) – Koonfaransiin hoggansa Paartii Badhaadhinaa Amaaraa guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture murtoowwan addaddaa dabarsuun xumurame.

Itti gaafatamaan waajjira paartichaa obbo Aganyahu Tashaagar ibsa laataniin akka beeksisanitti, koonfaransichaan adeemsa waggaa lamaan darbanii, jijjiirrama paartichi dhufuun booda jiruu fi kan sanaan duraarratti mari’ateera.

Jijjiirrama dhufe itti fufsiisuuf olaantummaa seeraarratti naannolee kaan waliin kan hojjetamu ta’uun ka’eera jedhan.

Naannoo Amaaraatti ijaarsa siyaasaa seeran alaa fi idileen alaa diiguun, seermaleeyyii seeratti dhiyeessuuf ni hojjetama jedhan.

Paartichi ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessatiin booda ajjeechaa fi badii qabeenyarra ga’eef ABO Shanee fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay balaaleffateera.

Mootummaan naannoo Oromiyaa olaantummaa seeraa kabachiisuurratti hojii hojjechaa jiru ni jajjabeessinas jedheera paartichi.

Ummata Oromoo fi Amaaraa, ummata Amaaraa fi Tigraayis ta’e saboota kaan qaamni kamuu walitti buusuun hariiroo gaarii qaban balleessuu hin danda’u jedheera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.