Fana: At a Speed of Life!

Koonfaransiin idil addunyaa gumaacha sirna Gadaarratti xiyyeeffatu taa’amaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2013 (FBC) – Koonfaransiin idil addunyaa gumaacha sirna Gadaarratti xiyyeeffatu taa’amaa jira.

Koonfaransichi Yuunvarsiitii Bulee Horaatti taa’amaa jira.

Koonfaransicha kan qopheesse Inistiitiyuutii Gadaa fi Aadaa Yuunvarsiitii Bulee Horaati.

Ijaarsa sirna demokraasii, nageenyaa fi haaromsa Afrikaarratti ga’ee qaburratti mari’atamaa jira.

Yuunvarsiitichi barnoota sirna Gadaa fi nageenyaa hanga sadarkaa digrii 3ffaatti laachuu eegaleera.

Bara dhufturraa eegaluudhan hanga proofeesarummaa kan laatu ta’a jedhan preezdaantiin yuunvarsiitichaa Dooktar Caalaa Waataa.

Hogganaan Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa obbo Kabbadaa Deesisaan sirni Gadaa bu’uura bulchiinsa dimokraasii ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.