Fana: At a Speed of Life!

Koonfaransiin sirna demokraasii Ityoophiyaa fi aadaa waliin mari’achuu gabbisuurratti xiyyeeffate paartilee siyaasaa Oromoo fi Amaaraatiin Adaamaatti mari’atamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2013 (FBC)- Koonfaransiin sirna demokraasii Ityoophiyaa fi aadaa waliin mari’achuu gabbisuurratti xiyyeeffate paartilee siyaasaa Oromoo fi Amaaraatiin Adaamaatti mari’atamaa jira.

Waltajjicharratti hayyuuleen siyaasaa buleeyyii, paartileen siyaasaa naannolee lammeenii kanneen bakka bu’an irratti hirmaataa jiru.

Ijaarsa sirna dimokraasii gabbisuuf adeemsawwan Ityoophiyaa keessa turanii fi hariiroo nageenya ummataa naannolee lameenii haala itti jabeessuun danda’amu irratti koonfaransichaan dhimmoota mari’atamudha.

Marii har’aa fi boor taa’amu kanarratti, barreeffamoonni duudhaalee dimokraasii fi dhaabbilee dimokraasii Ityoophiyaatti cimsuuf guufuuwwan turan ni ilaalamu.

Kana malees cee’umsa turan keessa seenaawwan mootiirraa gara raayyaa/sirna Dargii/ fi Dargiirraa gara ADWUI fi fuldureen haala itti adeemamu irratti hayyuuleen barreeffama dhiheessuun irratti marii’atamaan eegama.

Koonfaransicharratti abbootiin amantaa, abbootiin Gadaa, jaarsoliin biyyaa, waldaaleen siivilii, hayyuulee fi qaamoleen hawaasaa garagaraa kanneen bakkaa bu’an irraatti hirmaataa jiru.

Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.