Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kibbaa Saatalaayitii Basaasaa waraanaa 2ffaa furgugsite

Finfinnee, Bitootessa 30, 2016 (FBC) – Kooriyaan Kibbaa Saatalaayitii Basaasaa waraanaa 2ffaa Giddugala Hawaa Ameerikaa bulchiinsa Filooriidaa milkiin furgugsuu Raayyaan Ittisaa Biyyattii beeksiise.

Saatalaayitiin kun daqiiqaa 45 keessatti bakka sona isaa qaqqabuu eerameera.

Kooriyaan Kibbaa hanga Bara Faranjootaa 2025tti Saatalaayitiiwwan Basaasaa Waraanaa 5 furgugsuuf karoora qabatteen 2ffaa ishee furgugsuu eerameera.

Saatalaayitiin kun odeeffannoowwan bu’aa qabeessa dacheerraa funaanuuf kan dandeessisan meeshaalee ammayyaa hidhachuu Tajaajjilli Oduu Eeshiyaa gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.