Fana: At a Speed of Life!

Korechi daddabarsa maallaqaa fi meeshaalee biroo konkolaattota deeggarsa fe’aniin gaggeeffamu balaaleffate

Finfinnee, Adoolessa 23, 2014 (FBC) – Koreen Qaxxaamura Diimaa Addunyaa konkolaattota deeggarsa namoomaa fe’an keessa dhokfamee daddabarsa maallaqaa fi meeshaalee biroo gaggeeffamu balaaleffateera.

Korechi tooraa miidiyaa hawaasummaa isaan ibsa baaseen, Naannoo Afaar Keellaa Sardoottii konkolaataa kireeffameen maallaqaa fi meeshaalee hineeyyamamne biroon wayita geejibsiifamu argamuu beeksiseera.

Konkolaattonnii kunneen deeggarsa namoomaa fi meeshaalee gargaarsaa fi wal’aansaa murteessoo fe’uun gara Naannoo Tigiraayitti geejibaa akka ture ibseera.

Maallaqni hineeyyamamnee fi meeshaalaan argamanis adeemsa idileen konkolaattota deeggarsa namoomaa fe’anirratti sakatta’aa gaggeeffameen aanga’ootaan kan argame yoo ta’u, konkolaataan kireeffamees to’atamuu ibseera.

Konkolaataan kunis namoota deeggarsi namoomaa barbaachisuun irratti xiyyeeffachuun geejibsiisuu utuu qabuu kana akka hinraawwanne korechi eera.

Koreen Qaxxamura Diimaa Addunyaas maallaqa fi meeshaalee biroo qabaman keessa akka qooda hinqabne eeruun gochicha cimsee balaaleffateera.

Korechi kutaalee biyyattii naannawaa walitti bu’iinsaa fi sababoota garaagaraan lammilee midhaamaniin deeggarsa namoomaa ga’uurrattii qofa dhaabbata hojjetuu ta’uu ibsuun, taateen mudatee hojii isaarratti dhiibbaa akka hinuumne hojjechaa jiraachuu himeera.

Haaluma kanaan qaaamolee dhimmichi ilaallatu waliin guutummaatti walta’iinsaan hojjechaa akka jiru ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.