Fana: At a Speed of Life!

Korechi  ergama badii garee Shanee fi ABUT fashaleessuuf hojjechaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2014 (FBC) – Koreen waloo Poolisii Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz ergama badii garee Shanee fi ABUT fashaleessuuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Garee shororkeessaa ABUT waliin wal dubbisaa gocha garee shororkeessaan Shanee lubbuu lammiilee fi qabeenyarra geessisaa jiru dhaabsisuuf korechi duula  uummata hirmaachise  gaggeessaa jiraachuu ibsameera.

Gocha badii garee shororkeessaa Shaneen uummataa fi qabeenya irratti raawwachaa jiru ittisuuf Poolisii Oromiyaa waliin hojjechaa kan jiru ta’uu Komishinarri Komishinii Poolisii naannoo Beenishaangul Gumuz Abdulaziiz Mahaammad ibsaniiru.

Hojiileen garee shororkeessaa Shanee haala waarawaa ta’een dhabamsiisuu dandeessisu hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Haleellaa garee shororkeessaa Shaneee nageenya uummataa fi tasgabbii naannoo jeequ dhaabsisuuf hojiin hordoffii hojjetamaa jiraachuu Komishinarri Komishinii Poolisii Oromiyaa Jeneraal Araarsaa Mardaasaa himaniiru.

Ergama garee kanaa to’achuufis poolisii naannoo Beenishaangul Gumuz waliin qindoominaan hojjechaa kan jiran ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.