Fana: At a Speed of Life!

Koreen Dhaabbichaa jiraattoota Aanaa Gammachiisii fi Magaalaa Ciroo waliin mari’ate

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC) – Koreen Dhaabbii Dhimmoota Bulchiinsaa fi Seeraa Caffee Oromiyaa Godina Harargee Lixaa Aanaa Gammachiisii fi Magaalaa Cirootti, kutaalee hawaasa waliin dhimmoota nageenyaa fi misoomaarratti mari’ate.
Kutaaleen hawaasaa misoomawwan bu’uuraa kanneen akka daandii,fayyaa,bishaan,ifaa,barnoota fi kanneen biroo irratti hanqinni jirachuu kaasaniiru.
Koreen Dhaabbii Dhimmoota Bulchiinsaa fi Seeraa Caffee Oromiyaa, kun haala qabiinsa shakkamtoota mana amala sirreessaa ilaaluun hanqinoonni tokko tokko akka jirus ilaaleera.
Korichi Daandii Aspaaltii Arba Rakkattee Machaara-Miicataa waggoota hedduu dura eegalee osoo hin xumuramin hanga ammaa hojjatmaa jiru kan hojjatameeeyyuu qulqullina dhabuun caccabaa jiraachuu isaa ilaaleera.
Komii guddaa kan ta’e riqicha Laga Dabbis, ijaarsi isaa karaatti hafe, hidha jallisi Laga Homachoo fi qonna jallisii Araddaa Homachoos daawwatera.
Gareen Koree Dhaabbii Caffee Oromiyaa jiraattota Magaala Ciroo waliin mari’achuun proojektoota bu’uuraalee misoomaa adda addaa hojjetamaa jiran daawwateera.
Magaalaa Ciroottis marii ummata waliin taasiseen, rakkoon bishaan dhugaatii, qulqullina magaalaa, gidduu gala oolmaa dargaggoo fi hojii dhabdummaan walqabatee rakkoon jiru bal’aa ta’uu hawaasni koree kanaaf kaaseera.
Komii ummata magaalichaa deebisuuf hojiin bulchiinsa magaalaa Ciroon hojjetamaa jiru kan jajjabeeffamuu ta’uu ibsamuu OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.