Fana: At a Speed of Life!

Koreen teeknikaa Hidha Haaromsaa muummee ministiraa Dooktar Abiyyiif ibsa laate

Finfinnee, Amajjii 11, 2012 (FBC) – Koreen teeknikaa Hidha Haaromsaa guutinsa bishaanii fi raawwii hojiirratti muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiif ibsa laate.
 
Korichi dabalataan waltajjiiwwan marii sadee Hidha Haaromsaarratti gaggeeffamaaa turanirratti ibsa laatera.
 
Korichi gabaasa isaatin haaydirooloojii laga Abbayyaa, yeroo guutinsa bishaanii hidhichaa, qophiilee gogiinsa hamaa fi gogiinsa ittisuuf taasifamuu qaban, odeeffannoo sirnaan qabachuu fi waljijjiiruurratti qindoominaan hojjechuu jedhan dhiyeessera,
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadis kallattii egereerratti ibsa laataniiru.
 
Mariin Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts Hidha Haaromsaarratti gaggeessaa turan milkiidhan xumuramuun isaa ni yaadatama.
 
Koreen teeknikaa Hidha Haaromsaa ministira Bishaan, Jallisii fi Inarjii FDRI Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaatin duurfamu marii taasifamaa turerratti ibsa laatera.
 
Gabaasichaanis, mariiwwan gaggeeffamaa turaniin Ityoophiyaan faayidaashee dabarsitee kan hin laanne ta’uun ibsameera.
 
Guutinsa bishaanii hidhichaarratti biyyoota yaa’a gadaanu waliin dhimmi walqabsiifamaa ture hafuunis eerameera.
 
Gabaasichaan ijaarsi Hidha Haaromsaa %70rra qaqqabun ibsameera.
 
Guutinsi bishaanii hidhichaa dhuma waggaa kanaarratti kan eegalamu ta’uu Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ibsaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.