Fana: At a Speed of Life!

Koriyaan Kibbaa yaalii nageenyaa Mootummaa Ityoophiyaa ni deeggarti jedhame

Finfinnee, Hagayya 23, 2014(FBC)- Koriyaan Kibbaa yaalii nageenya waaraa fiduuf Mootummaan Ityoophiyaa eegale kan deeggartu ta’uu Miseensonni Mana Maree Kooriyaa Kibbaa ibsan.

Koreen dhaabbii dhimmoota hariiroo alaafi nageenyaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa jila miseensota Mana Maree Kooriyaa Kibbaa waliin haala hariiroo biyyoota lameenii daran cimsuun danda’amurratti mari’ateera.

Ittaanaan Walitti Qabaa korichaa Dooktar Fatihii Mahaadiin, biyyoonni lameen hariiroo seena qabeessa waldeeggaruurratti bu’uureffate qabaachuu yaadachiisaniiru.

Walta’iinsa  biyyoonni lameen gama diinagdee, daldalaa, invastimantii, misoomaa akkasumas nageenyaan  qaban eeraniiru.

Tattaaffii mootummaan Ityoophiyaatti nageenya waaraa uumuun misoomaafi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf taasisurratti jilichaaf ibsa laataniiru.

Ityoophiyaan yeroo maraa nageenyaaf dursa kennuun ofiisheerra dabartee naannawichaaf gahee isheen ba’attu addeessaniiru.

Waraana gareen shororkeessaa bane dhaabsisuuf mootummaan tattaaffii garaagaraa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Miseensi Mana Maree Kooriyaa Kibbaa Taa’ii Hoon gamasaaniin, tattaaffii mootummaan nageenya waaraa fiduuf taasisu biyyi isaanii kan deeggartu ta’uu kaasuu TOI gabaaseera.

Kaayyoon daawwannaa jilichaa inni duraa waliingahiinsa deggarsa namoomaa Kooriyaan Kibbaa gama Dhaabbata Nyaata Addunyaan taasistu mirkaneessuun yeroo itti aanutti deeggarsicha cimsuuf ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.