Fana: At a Speed of Life!

Korporeeshinichiifi dhaabbileen Oomishtootaa Naannawaa Daldala Bilisaa Dirree Dawaa keessatti bobba’an waliigaltee waliif mallatteessan

Finfinnee, Amajjii 18, 2015(FBC)- Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastiriifi dhaabbileen Oomishtootaa Naannawaa Daldala Bilisaa Dirree Dawaa keessatti bobba’an waliigaltee waliif mallatteessan.

Dhaabbileen oomishtootaa 8fi dhaabbileen faayinaansii 4 naannawaa daldala bilisaa kana keessatti bobba’uuf korporeeshinicha waliin waliigaltee waliif mallatteessaniiru.

Naannawaan Daldala Bilisaa Dirree Dawaa daldalaafi tajaajila loojistikii saffisiisuuf mijataa ta’uufi diinagdee maakiroo dadamaqsuuf akkasumas abbootii qabeenyaa fayyadamoo taasisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwanii obbo Akililuu Taaddasaan ibsaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa obbo Kadir Juhaar gamasaaniin, naannawaan daldalichaa buufata Jibuutiitti dhihoo waan ta’eef daldala alaa kan saffisiisuufi bu’aa qabeessummaa indaastirii oomishaalee kan mirkaneessu ta’uu kaasaniiru.

Dhaabbileen korporeeshinicha waliin waliigaltee waliif mallatteessanis naannawaa daldalichaatti warshaa suphaa konkolaataa, infoormeeshin teekinooloojiifi warshaa meeshaalee elektirooniksii ijaaruuf waliigaluu ibsameera.

Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.