Fana: At a Speed of Life!

Korporeeshiniin Daandii Baaburaa Ityoophiyaafi Waldaan Aksiyoonaa Baaburaa Ityoo- Jibuutii waliin hojjechuuf waliif mallatteessan

Finfinnee, Mudde 28, 2015(FBC)- Korporeeshiniin Daandii Baaburaa Ityoophiyaafi Waldaan Aksiyoonaa Geejjibaa Baaburaa Ityoo- Jibuutii  Istaandard Geej waliin hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessan.

Waliigalticha Ittaanaan hojii raawwachiisaa Korporeeshinii Dandii Baaburaa Ityoophiyaa Injinar Geetuu Gizaawufi hojii raawwachiisaa olaanaan Waldaa Aksiyoonaa Geejjibaa Baaburaa Ityoo- Jibuutii  Istaandard Geej  Dooktar Abdii Zannabaa mallatteessaniiru.

Waliigaltichi dhaabbileen lameen misooma damee baaburaa, bulchiinsa qabeenyaa, ce’umsa beekumsaa akkasumas tumsa daldalaan qindoominaan hojjechuun sarara baaburichaa bu’aa qabeessa taasisuuf kan gargaaru ta’uu TOI gabaaseera.

Kana malees rakkoolee damee baaburaa mudachaa jiran waloon hiikuun damicha daddammaqsuufi gudisuun biyya waloon tajaajiluu kan dandeessisu ta’uu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.