Fana: At a Speed of Life!

Kurmaana jalqabaa baranaan daldala alaarraa galiin Doolaarri miiliyoona 959 ol argamuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2015(FBC)- Kurmaana jalqabaa bara kanaan daldala alaarraa galiin Doolaarri miiliyoona 959 fi kuma 780 argamuu Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Kurmaanichatti daldala alaarraa galii Doolaara biiliyoona 1 fi miiliyoona 120 ol argamsiisuuf karoorfamee karooricha 85.6% milkeessuun danda’amuu ibsameera.

Galii argame keessaa qonni 81.03%, dameen oomishaa 9.63%, Albuudni 6.1% akkasumas elektirikii fi oomishaaleen biroon 3.24% galmeessisuu eerameera.

Ministeerichi karoora raawwii hojii bara 2015 kurmaana 1ffaa Manneen hojii ministeerichaaf itti waamaman, hoggantoota biiroolee daldalaafi misooma gabaa naannolee fi bulchiinsa magaalotaa akkasumas qooda fudhatoota waliin Magaalaa Baahir Daaritti qorachaa jira.

Sirna hordoffiifi deeggarsaa sirreessuun hojiileen rifoormii daldalaa bu’uura ta’uu danda’an hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Gabramasqal Caalaa ibsuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.