Fana: At a Speed of Life!

Kutaan magaalichaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 20 olii taasise

Finfinnee, Sadaasa 22, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Kutaan magaalaa Lidataa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii magaalaa Dabrabiraan jiraniif deeggarsa meeshaalee garaagaraa Birrii miiliyoona 20 olitti tilmaamamu taasisuu ibsame.

Raayyaa Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa baraaruuf qabsoorra jiru deeggaruun itti gaafatamummaa lammii hundarraa eegamu ta’uu hojii gaggeessaan kutaa magaalichaa obbo Assagidawu Hayilagoorgis ibsaniiru.

Kutaan magaalichaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii magaalaa Dabrabiraanitti argamaniif deeggarsa nyaataa fi meeshaalee garaagaraa Birrii miiliyoona 20 fi kuma dhibba 6tti tilmaamamu taasisuu ibsuun, deeggarsichi cimee kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti hogganaan wajjira Kantiibaa fi Dhimmoota Kaabinee obbo Xilaahuun Warquu gamasaaniin, bulchiinsi magaalaa Finfinnee hanga ammaatti deeggarsa Birrii biiliyoona 5 fi miiliyoona dhibba 8 ol taasisuu ibsaniiru.

Deeggarsi taasifamu gara fuulduraatti cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.

Deeggarsicha kan fuudhan bakka bu’aan Raayyaa Ittisa Biyyaa leetenaal koloneel Lachiisaa Magarsaan deeggarsi uummataa loltootaaf hamilee ta’uu ibsuun, uummanni naannoo isaa dammaqinaan eeguun deeggarsa isaa cimsee akka itti fufu dhaamaniiru.

Maddi :- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.