Fana: At a Speed of Life!

Lafti hektaarri kumni dhibbi 4 Qamadii jallisiin misoome – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Amajjii 14, 2014 (FBC) –Bara 2014ttti lafa hektaara kuma dhibba 4 irratti Jallisiin qamadiin facaa’uu Ministeerri Qonnaa beeksiise.
Bara kana naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Kibbaa, Affaariii fi Naannoo Sidaamaa iddoo muraasatti,akkasumas naannoolee birootti lafti hektaarri kumni dhibbi 4tti hiiqu Sanyii Qamadii jallisiin uwwifamuu Ministeera Qonnaatti Daayreektarri Jenaraalaa Ekisteenshinii Qonnaa obbo Garmaamee Gaaromaa ibsaniiru.
Lafa misoome kanarraa callaan kuntaalli miiliyoona 16 ni argama jedhan turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taasiisaniin.
Bara darbe lafa hektaara kuma dhibba 1 irraa Oomisha kuntaala miiliyoona torba argachuun danda’ameera jedhan.
Waggoota lamaan sadan darbanitti wanti hojjetame muuxannoon kan itti horatameefi qonnaan bulaallee daraan kan kakaase ta’uu eeranii, bara ittaanus naannawa bishaan jiru hundatti omishatti kan galamu ta’uu eeraniiru.
Wayita ammaa bakkeewwan baay’eetti omishni walitti qabuu kan eegale ta’uu fi akkaataa duraa duuba facaatiisaaniin hanga dhuma Baatii Gurraandhalaatti ittifufuu jedhan.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.