Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee kuma 100’f tajaajilli wal’aansa bilisaa kennamuufi

Finfinnee, Hagayya 13, 2014(FBC)- Ministeerri Fayyaa lammiilee kuma dhibba 1’f tajaajila wal’aansa bilisaa kennuuf qophii xumuruu beeksise.

Tajaajilichi mata duree “gaarummaa fayyaa keenyaaf” jedhuun Hagayya 16-21,2014 biyyattiitti bakkeewwan garaagaraatti ogeeyyii fayyaa tola ooltotaan kan kennamu ta’uu eerameera.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan, hojii tajaajila ooltummaa guyyoota jahaaf turu kanaan kutaalee hawaasaa humna hin qabneefi daandiirra jiraataniif tajaajilli wal’aansa fayyaa garaagaraa kan laatamu ta’uu ibsa miidiyaaleef laataniin addeessaniiru.

Tajaajilichaan qorannoon dhibee sukkaaraa, dhukkubbii ijaa, dhiibbaa dhiigaa akkasumas dhibeewwan daddarboofi daddarboo hin taane biroon kan kennamu jedhameera.

Dhibeewwan daddarboofi daddarboo hin taane ilaalchisee hojiin hubannoo uumuu kan hojjetamu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.