Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee mana hidhaa Jiddaa fi naannawaashee jiran deebisuun har’a eegale

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC) – Lammiilee Ityoophiyaa mana hidhaa fi buufata turtii Jiddaa fi naannawaashee jiran gara biyyaatti deebisuun har’a eegaleera.
Lammileen Ityoophiyaa kuma 80 ta’an mana hidhaa fi buufata turtii Jiddaa fi naannawaashee keessatti argamu.
Guyyaa har’aa lammiileen Ityoophiyaa manneen hidhaa garaagaraa Saa’uud Arabiyaa keessaa turan 1831 gara biyyaa ni deebi’u jedhame.
Har’a balallii afur taasifamuun manneen hidhaa Jiddaarraa lammiilee kuma 1, Saa’uud Arabiyaarraa 438 gara biyyaatti deebi’u jedhame eegama.
Hojii lammiilee mana hidhaa Sawud Arabiyaa haala rakkisaa keessa turan gara biyyaatti deebisuu hojjetamaa jirun guyyaa tokkotti Riyaadirraa lammiilee 936 galchuun kan danda’ame yoo ta’u, har’a ganamas 397 galuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.