Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa 998 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Hagayya 2, 2014(FBC)- Guyyaa har’aa balalii marsaa sadiin lammiileen Ityoophiyaa 998 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu ibsame.

Lammiilee kanneen keessaa 985 dhiirota yoo ta’an, 12 ammoo guddattoota ta’uu eerameera.

Lammiilee deebi’aniif kunuunsiifi deeggarsi barbaachisaan erga taasifameefiin booda gara giddugala tursiisa yerootti geeffamuu ibsameera.

Hojii lammiilee gara biyyaa deebisuu hanga ammaatti hojjetameen lammiileen kumni 62 fi 447 gara biyyaa deebi’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.