Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen ogummaa dijitaalaa qaban ijaarsa nageenyaaf oolchuu qabu jedhame

Finfinnee, Hagayya 25, 2015 (FBC) –Lammiileen Ogummaa dijitaalaa qaban ijaarsa nageeyaf oolchuu akka qaban Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii beeksise.

Dhaabbanni Feesbuukii duraanii fi Meetaan ammaa ogummaa dijitaalaa fi barbaachisummaa ijaarsa nageenyaa irratti waltajjii marii xiyyeeffate Finfinneetti gaggeeffameera.

Teeknoolojiin dijtaalaa jireenyaa lammiilee gama salphisuutiin gahee olaanaa qabaatus gama walitti bu’iinsa uumuutiin dhiibbaa olaanaa uumaa jiraachuun eerameera.

Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Aadde Huuriyaa Aliin, addunyaan dijitaalawaan kan umame miidiyaan hawaasummaa madda odeeffannoo ta’uun tajaajilaa jiraatus, haasawa jibbiinsaa fi hokkaraa uumuun ijaarsa nageenyaa irratti gufuu uumaa jira jedhan.

Mootummaan haasawaa jibbiinsaa hambisuuf seera baasuu eeranii, haasawa jibbiinsaa akkaawuntiiwwan sobaan tamsaafaman hambisuuf fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa imaammata ifaa fi to’annoo taasisuu qabu jedhan.

Ergaawwan walitti bu’iinsa tuqatanii fi odeeffannoowwan sobaa miidiyaa hawaasummaan tamsaafaman ittisuu fi ijaarsa nageenyaa saffisiisuuf lammiilee ogummaa dijitaalaa qaban horachuun barbaachisaa ta’uu himuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.