Fana: At a Speed of Life!

Lammilee biyyaa alaa tokko tokko maqaa Invaastiimantiin yakka waliin dhahuu raawwachaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Eebla 2, 2013 (FBC)- Lammilee biyyaa alaa tokko tokko maqaa Invaastiimantiin yakka waliin dhahuu raawwachaa jiraachuu Komishiiniin Poolisii Federaalaa beeksise.
Intalajansiin Yakkaa Komishiinii Poolisii Federaalaa akka mirkaneessetti lammilee biyyaa alaa tokko tokko maqaa Invaastiimantiin uummataa irraa miidhaa qaqqabsiisaa jiru.
Qaamoleen kuneen ‘’Nuti Invastara ofiin jechuun’’ lammiilee Ityoophiyaa qabeenya qaban irratti qorannoon adda baasuun hariiroo isaan waliin uummachuun yakkaa waliin dhahu(burjaajji) raawwachaa jiraachuu himameera.
Akka gabaasa Tajaajila Oduu Ityoophiyaatti namoonni kunis invastimanti gara Itoophiyaa akka dhufan fakkeessuun invastaroota Itoophiyaa keessa jiran waliin hojjachuuf akka barbaadanii fi kanaafis hojii adeemsiftuuf Doolaara Ameerikaa Miiliyoona 300 ol akka qaban himuun yakkaa raawwachaa jiraachuu bira gahamu koomishinichi beeksiseera.
Namoonni yakki akkasii irratti raawwatamees rakkoo garaagaraaf saaxilamuu poolisiin himeera.
Kanaaf hawaasni of eeggannoo taasisuu qaba jechun koomishinichi dhaameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.