Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin hooggantoota sadarkaa federaalaa Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu eegale

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC) – Leenjiin hooggantoota sadarkaa federaalaa Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu eegale.
 
Leenjichi guyyaa shaniif kan turu yoo ta’u, sadarkaa federaalatti ministeeraa hanga itti aanaa daayrektaratti kan jiran hooggantootni 420 ni hirmaatu.
 
Waajjira olaanaa Paartii Badhaadhinaatti hoogganaan Damee Dhimmoota Paartilee Siyaasaa fi waldaalee Siiviikii Dooktar Alamuu Simee sirna baniinsaarratti argamun leenjichi jijjiirama itti fufsiisuun dandeettii badhaadhina milkeessu uumufi jedhan.
 
Haaluma walfakkattun, Waajjirri Damee Paartii Badhaadhinaa Finfinnee hooggantoota olaanoo magaalichaaf guyyaa har’aa eegalee guyyoota itti aanaan shaniif leenjii marsaa duraa laachuu eegaleera.
 
Sagantaa baniinsa leenjichaarratti kan argaman Itti Aantuun Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee akka ibsanitti hoogganaa dandeetti qabu uumuuf jijjirama booddee eegalee leenjiwwan garagaraa kennama turuu ibsaniiru.
 
Leenjii marsaa duraa guyyaa har’aa eegaleen hooggantoota 914 kan kennamu yoo ta’u, marsaa lammaaffaan hooggantoota magaalichaa hafaniif ni laatama jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.