Fana: At a Speed of Life!

Lolli Isiraa’elii fi Hamaas gidduutti gaggeeffamaa jiru lammiilee hedduu rakkoo hamaaf saaxiluu DhMG beeksiise

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2016 (FBC) – Lolli Isiraa’elii fi Hamaas gidduutti gaggeeffamaa jiru lammiilee hedduu rakkoo hamaaf saaxiluu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksiiseera.

Erga Sambata darbe lolli eegalamee lammiileen Isiraa’eel kumni 1 fi 200 fi kan Gaazaa kumni 1 fi 100 ol ajjeefamuu ibsameera.

Gaazaa keessatti namoonni kumni 5 fi 339 ol miidhaa qaamaaf saaxilamuu Ministeerri Fayyaa Filisxeem ibseera.

Gaazaarraa namoonni kumni 338 ol ta’an qe’ee isaaniirraa buqqa’uun hospitaalaa fi manneen barnootaa keessa daheeffatanii jiraachuu Ministeerichi eereera.

Erga waraanichi eegalee hojjettoonni dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 11 haleellaa xiyyaaraan ajjeeffamuu ibsameera.

Waraanni Israa’el fi Gaazaa gidduutti eegale waraana hamaa dhaloota tokko keessatti mudatee hin beekne jedhame.
Maddi:- BBC, Al Jazeera, CNN fi UN

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.