Fana: At a Speed of Life!

Lolli Sudaan jabaatee itti fufuu hordofee dippilomaatonnifi lammiileen biyyoota biroo biyyattii bahaa jiru jedhame

Finfinnee, Eebla 14, 2015 (FBC) – Lolli Sudaan jabaatee itti fufuu hordofee dippilomaatonnifi lammiileen biyyoota biroo geejjiba qilleensan biyyattii bahaa jiraachuu Humni Waraana Sudaan beeksise.

Lammiileen biyyoota akka Ameerikaa, Ingilaandi, Faransaayii fi Chaayinaa Sudaan keessaa Geejjiba Qilleensaan bahaa jiraachuu ibsameera.

Hogganaan Humna Waraana Sudaan Jeneraal Abdul Fattaa Al-Burhaan sa’aatii muraasa keessatti lammiileen biyyoota kanaa akka bahaniif haala mijeessuuf walii galuu ibsaniiru.

Waraanni biyyattii akka ibsetti, lammiileefi dippilomaatonni UK, US, Faransaayifi Chaayinaa xiyyaarota waraanaa fe’iinsaf oolaniin Kaartum irraa ni gaggeeffamu.

Saawudii Arabiyaanis lammiileesheefi biyyoota michuushee ta’anii Sudaan keessaa baasuf beeksiftee turte.

Humni Waraana Sudaanifi Humni Addaa lolli eegalan osoo addaan hin citin torbee guute lubbuu namoota galaafateera.

Ayyaana Iid al-Faxiriif waraana guyyaa sadiif ni dhaabna jedhanii qaamoleen lachuu tole jedhanis waadaa galan osoo hin kabajin hanga ammaa lolli itti fufee jira.

Sababa waraana kanaan buufanni xiyyaaraa Kaartum cufamee jira.

Sababa kanaan biyyoonni biroo lammiileesaanii Sudaan keessaa baasuuf rakkataa turan.

Amma garuu Waraanni biyyattii lammiileen kunneen akka bahaniif haala nan mijeessa jechuu BBCn gabaasera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.