Fana: At a Speed of Life!

Lubbuu balleessuun moobaayilii Birrii 500 fi Birri 250 fudhatan hidhaa umrii guutuun adabaman

Finfinnee, Caamsaa 16, 2015 (FBC)- Saamtonni lubbuu balleessuun bilbila Birrii 500tti tilmaamamuu fi maallaqa callaa Birrii 250 fudhaataan hidhaa cimaa umrii guutuun adabamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Himatamtoonni Katamaa Kaastiroo, Solomoon Dassuu fi Ijjiguu Gazzaanyi jedhaman Finfinnee Kutaa Magaalaa Eekkaa Aanaa 2 Bakka Addaa Faransaay Riqicha Abboo jedhamuun beekamutti yakkicha raawwataniiru.

Onkoloolessa 14, 2013 halkan keessaa sa’aatii 11:00tti Obbo Ashannaafii Fiixaa nama jedhaman, wayita miilaan imalaa jiranitti, himatamtoonni duubaan rukutuun hudhanii ergaa kuffisanii booda dhagaan reebuun lubbuun isaanii akka ba’u taasisuun eerameera.

Yakkamtoonni kunneen, miidhamaa yeroositti maallaqa callaa Birrii 250 fi bilbila moobaayilaa Birrii 500’tti tilmaamamu qabatee jiru saamuun miliquu poolisiin beeksiseera.

Himatamtoota eenyummaan isaanii akka hinbeekamneef miliqan hordoffii cimaa baatiiwwan afuriif taasiseen to’annoo jala akka oolchee ibseera.

Himatamtoota yakkicha raawwatanirrattis Mannii Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddachi Yakkaa 1ffaa Ramadii Lidataa, tokkoon tokkoo isaanii hidhaa cimaa umrii guutuun akka adabaman murteessuu ragaan Poolisiin magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.