Fana: At a Speed of Life!

Maalaanmaltummaan qaala’iinsa jireenyaatti aanee qormaata biyyaa isaa olaanaadha-Koomishinicha

Finfinnee, Sadaasa 16, 2015 (FBC) – Maalaanmaltummaan qaala’iinsa jireenyaa ammaa mul’atutti aanee qormaata biyyaa isa olaanaa ta’uu Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaanmaltummaa Federaalaa beeksise.

Guyyaan farra malaanmaltummaa Ityoophiyaatti yeroo 18ffaaf, akka Addunyaatti yeroo 19ffaaf mata duree “Qabatamaan malaanmaltummaarratti qabasaa’uu” jedhuun Sadaasa 30 kabajama.

Ittaanaan Komishinaraa koomishinichaa Waddoo Axxoo dhimmicha ilaalchisuun ibsa kennaaniin, malaanmaltummaan daangaa ce’aa waan ta’eef, waliigalteen waloo idil addunyaa mallatteeffamuu yaadachiisan.

Ityoophiyaan mallatteessituu, raggaasistuu fi hojiirraa oolchituu waliigalteechaa keessaa tokko ta’uu ibsuun, malaanmaltummaa dhabamsiisuuf qabsoo taasifamuu keessatti gumaachaa jirtis jedhan.

Koomishiniin Namusaa fi Farra Malaanmaltumma qorannoo gaggeesseen qaala’iinsa jireenyaatti aanee malaanmaltummaan qormaata biyyaalessaa akka ta’e mirkanaa’uu ibsan.

Kun ammo yakkaa fayyadamummaa hawaasaa gaaffii keessa galchee fi ummataa gidduutti walamantaa dhabamsiisaa jiruudha jedhan.

Yakka malaanmaltummaa raawwatamu lammiin Ityoophiyaa kamuu eeruu kennuun itti gaafatamuummaa irraa eegamuu bahachuu akka qabus dhaamaniiru.

Yismaawu Adaraawuu fi Zuufaan Kaasaahuuntu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.