Fana: At a Speed of Life!

Maaleezhiyaatti Heelikooptarri walitti bu’uun lubbuun namoota 10 darbe

Finfinnee, Ebla 15, 2016(FBC)- Heelikooptaronni waraanaa lama kan qabeenyummaan isaa Humna Galaanaa Maaleezhiyaa ta’an balaliirraa osoo jiranii walitti bu’uun lubbuun namoota 10 darbuun ibsame.

Balichaan qondaaltota Humna Galaanaa dubartootaa sadii dabalatee lubbuun namoota 10 darbuu miidiyaaleen biyyatti gabaasaniiru.

Heelikooptara tokko keessaa lubbuun namoota 7 kan darbe yoo ta’u, kan biroo keessaa immoo lubbuun namoota 3 darbun Anaadooluun gabaaseera.

Ministeerri Raayyaa Biyyaatti ka’umsa balichaa beekuuf qorannoo gaggessaa jiraachuun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.