Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Adaamaatti tajaajjilli geejjibaa guutummaatti adda cite

Finfinnee, Bitootessa 20, 2012 (FBC) –  Magaalaa Adaamaatti tajaajjilli geejjibaa guutummaatti adda cite

Magaalaa Adaamaatti namoonni sadi vaayrasii koroonaa (COVID-19) qabaman argamuun walqabatee magaalichatti tajaajjilli geejjibbaa guyyaa har’aa irraa eegalee akka adda citu Biroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksise.

Akka gabasaa ETVtti sochiin namoota magaalicha keessatti taasifamu gariin akka adda citu taasifamuu Ittii aanaa Hogganaan Biroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Gizaachaaw gabbisaa ibsaniiru.

Haata’uuti, hojii tajaajila geejjibaa kan laatan Baajajii fi taaksiin hojii akka dhaaban yoo taasifamanillee tajaajilli geejjibaa magaalicha kutee darbu garuu akkuma itti fufeetti jiraachu ibsaniiru.

Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaa (COVID-19) qabaman 19 ga’uu fi guyyaa har’aa vaayrasichaa qabaachuun kan ibsaman namoota 3 keessaa Dhukkubsaata lammaffaa fi sadaffaan lammii Ityoophiyaa jiraattoota magaalaa Adaamaa fi miseensaa maatii tokkoo yoommuu ta’an nama umurii 14 fi 48 ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.