Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Booreedatti himatamtoonni lubbuu namaa baleessa hidhaan adabaman

Finfinnee, Onkolooleessa 3, 2013 (FBC)- Harargee bahaa magaalaa Booreedatti himatamtoonni seeraa jala turan ajjeechaa sukanneessa raawwatan 2 hidhaa waggaa 18tin akka adabamaniif murtoon darbuu Manni murtii olaanaa godinicha beeksise.

Abbaan alangaa mana murtichaa obbo Ashaannafi Sheeduu, ajjeechiicha kan raawwatan namoota dhuunfa Magarsaa Yaasiin fi Arabii Shaadoodha jedhaniiru.

Onkooleessa 12, 2012 Jawaar Mahaammad marfameera jechuun waamicha dhiyaatee waliin walqabatee hiriiraa ba’uun magaalichatti hokkora umameen lubbuun darbuu fi qabeenyaarra miidhaa qaqqabuu ibsaniiru.

Himatamtoonni nama to’annaa seeraa jala turee tokkoo humnaan fudhachuun haala sukaneessan ajjeesuu isaanii ragaan abbaa alangaarra argamee ni mirkaneessa.

Murtoon himatamtoota kanarratti darbee yakkii akka kana akka hin raawwanneef kan barsiisudha jedhameera.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.