Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Addis Katamaa naannoo Massaallamaa iddoo Barandaa midhaanii jedhamutti balaan ibiddaa muudachuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Addis Katamaa naannoo Massaallamaa Barandaa midhaanii jedhamuun beekkamu Gamoo Amaanu’eel Tsaggaarratti balaan ibiddaa muudachuu ibsameera.
Balaan muudate iddoolee birootti akka hin babal’anne ogeeyyiin ittisa balaa Ibiddaa, Poolisii fi jiraattoonni naannichaa hirmaannaa olaanaa taasiisaa jiraachuu ibsameera.
Balaa muudateen miidhaa qaqqabee fi dhimmoota walqabatan ilaalchisee qaamni dhimmi ilaallatu yeroo itti aanu ibsa kan laatu ta’uu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preessirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.