Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti Egzibiishiniin, Baazaarii fi Simpooziyeemiin waldaalee hojii gamtaa baname

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Egzibiishiniin, Baazaarii fi Simpooziyeemiin waldaalee hojii gamtaa guyyaa har’aa ifatti banameera.

Ittaanaan Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay Egzibiishiniin, Baazaarii fi Simpooziyeemiin waldaalee hojii gamtaa ifatti eegalchiisaniiru.

Egzibiishinii fi baazaariin kun mata duree “bittaa fi gurgurtaan Waldaalee Hojii Gamtaa nageenyaa fi sirna bittaa fi gurgurtaa tasgabbaa’eef” jedhuun Caamsaa 18-21,2014tti kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Bulchiinsi magaalichaa qaala’iinsa jireenyaa magaalichaa tasgabbeessuuf fandii sochootuu dabalataan gabaa dilbataa babal’isuurratti kan argamu ta’uu Obbo Jaanxiraar himaniiru.

Egzibiishinii fi baazaariin kunis qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf ga’ee olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Obbo Jaanxiraar oomishaalee qonnaa fi indaastirii egzibiishinii fi baazaricharratti dhiyaatan daawwataniiru.

Egzibiishinii fi baazaarii kanarratti waldaaleen hojii gamtaa naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Uummattoota Kibbaa, Uummattoota Kibba Lixaa Ityoophiyaa, Sidaamaa fi Beenishaangul Gumuz irraa walitti babba’an 23 hirmaachuu ragaan Ejensicharraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.