Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Oolonkomiitti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuu namoota 3 darbe

Finfinnee, Caamsaa 11, 2013 (FBC)- Godina Shawaa lixaa aanaa Ejersa Lafoo Magaalaa Oolankomiitti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 3 darbeera.

Balichaan namoota 8 irraa miidhaan qaama cimaa fi salphaan qaqqabeera.

To’ataan balaa tiraafikaa aanaa Ejersa Lafoo Sajiin Fiqaaduu Mulgeetaa, balicha konkolaataan marchedisi Finfinnee irraa gara Aanaa Cobitti imalaa osoo jiruu kaleessa galgala qaqqabeeera jedhan.

Konkalaatichi  karaa irraa maquun Girooserii nama dhunfaa Girosarii Ejersa Lafoo jedhamutti seenuun lubbuun namoota 3 balicha kan qaqqabsiiseera.

Ka’umsi balaa kanaas qoratamaa jiraachuu ragaan waajjira Kominikeeshinii Godina Shawaa Lixaarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.