Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaggaritti Abbootiin Qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 149 galmeessisan hojii Invastimantirratti bobba’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 29, 2015 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Shaggaritti Fooramiin Abbootii Qabeenyaafi Qooda Fudhattoota gaggeeffameera.

Foormiin abbootii qabeenyaa fi qoodaa fudhattoota bakka hoggantoonni biiroo,hoggantoonni magaalaa shaggar, Abootiin qabeenyaafi qoodaa fudhattoonni argamanitti gaggeeffameera.

Dandeettii fi Carraawwan Invastimantii jiru adda baasuun Abbootii Qabeenyaa biyya keessaa fi alaa simachuun Invastimantii babal’isuun carraa hojii bal’inaan uumuun guddina diinagdee hawaasaa ariifachiisuuf ciminaan ni hojjatama jedhameera.

Shaggar diinagdeen badhaatee fi gaanfa Afrikaa keessatti giddugala Invastimantii fi indaastirii taate waggoottan 15 keessatti uumuuf mul’anni qabamee hojjetamaa jiraachuu eerameera.

Hanga ammaattis piroojektoonni Manuufaakcharingii kumni 2 fi223, tajaajilaa kumni 1 fi 461 fi qonnaa fi bu’aalee qorannoo 460 walumatti abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa kan irratti hirmaatan kumni 4 fi 144 kan jiran yoo ta’u, namoonni kuma 170 oliif carraa hojii uumuu isaanii Waajjirri Invastimantii fi Indaastirii ibseera.

Abbootiin qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 149 galmeessisan lafa hektaara kuma 8 fi 126 irratti hojjechaa jiraachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Magaalaa Shaggar irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.