Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Finfinnee akkuma kanaan duraa nageenyi  ishee eegamaadha- Laawureens Firiimaan

Finfinnee, Sadaasa 20, 2014 (FBC) –Magaala Finfinneetti waraanaa qorqalbii dhaabbilee biyyoota Lixaa tokko tokkoo fi Ameerikaan irratti banameen alatti, magaalaa tasgabooftuu fi sochii idilee isheerratti argamtuu dha jedhan xinxaalaan siyaasa Afriikaa, Laawureens Firiimaan.

Xinxaalaan kun Ityoophiyaa keessatti Mootummaan cee’umsaa hin barbaachisu, sababani isaa Ityoophiyaan Afgaanistaan waan hin taanef jedhan.

Waggoota 30 darbanif imaammata misoomaa Afriikaa irratti xinxaalaa fi qorannoo garaagaraa taasisuun kan beekaman  Laawureens Firiimaan, sa’aatti muraasaan dura magaala Finfinnee galaniiru.

Sochiileen daldalaa magaalaa Finfinnee keessa akkuma kanaan duraa haala hoo’aa ta’een gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Buufannii Xiyyaara Idil-addunyaa Boolee humna isaa guutuun hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Xiyyaarri Ameerikaa irra ittin dhufanis imaltootan guutamuu kaasaniiru.

kana hubachuun qaamolee oddeeffanno sobaa fi dogoggoora tamsaasaa jiran akka dhaaban yaadachiisaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.