Fana: At a Speed of Life!

Magaalichaatti Proojektoonni Doolaara miiliyoona 162 oliin hojjetamaa turan xumuraman

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti rakkoo adda ciccituu humna elektirikaa fuuruuf Proojektoonni Doolaara miiliyoona 162 oliin hojjetamaa turan xumuramaniiru.
Fedhiin humnaa hawaasni qabuu fi guddinni magaalaa saffisaan dabalaa dhufuu hordofee sararoota daddabarsa humna elektirikaa fooyyessuun barbaachisaa ta’ee argamuu Itti gaafatamtuun Proojektichaa Aadde Qiddisti Laaqaw eeraniiru.
Ijaarsi Siiviilii Proojektichaa dhaabbata ijaarsaa ‘Chaayinaa Paawoor’ jedhamuun bara 2009 eegalamuu eeraniiru.
Diriirsi saraaroota daddabarsa humnaa lafa jalaa Kiiloo meetira 107.7, to’annoon giddu galeessaa 69 fi diriirsi daddabarsa humnaa lafaa olii Kiiloo Meetira 600 raawwatamuu himaniiru.
Akkasumas hojiin diriirsa sararaa vooltejjii gadi aanaa xixiqqaa Kiiloo Meetira 400, buufataalee xixiqqaa kompaaktii 61 fi dhaabbiin tiraansifoormeetaroota 400 raawwatamuu eeraniiru.
Ijaarsa Proojektichaaf waliigala Doolaarri miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 68 fi kumni dhibbi 3 fi kumni 70 baasii ta’uu Aadde Qiddist kaasaniiru.
Baasii isaa % 15 dhaabbatichaan, % 85 ammoo mootummaa Chaayinaan uwwifamuu dubbachuu isaanii ragaanTajaajila Humna Elektirikaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.