Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti baatiwwan salgan darban Daandiin Kiiloo Meetirri 441 suphamuu ibsame

Finfinnee, Eebila 20, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti baatiwwan salgan darban Daandiin Kiiloo Meetirri 441 suphamuu Abbaan Taayitaa Magaalichaa beeksiise.
Baatiwwan salgal darban keessa daandii kiiloo meetira 476 suphuuf karoorfamee Kiiloo Meetirri 441 raawwatamuu Abbaan Taayitichaa ibseera.
Daandiin Asfaaltii Kiiloo Meetira 75, Cirrachaa 24 fi Boo’iiwwan Kiiloo Meetira 327 suphamuu fi hojiin qulqulleessuu hojjetameera.
Daandii Miilaa kiiloo meetira 11 fi riqichoota 16f suphaan taasiifamuu eeraniiru.
Akka AMN gabaaseetti Daandii Dhagaa Koobilii Kiiloo Meetirri 4f suphaan gaggeeffameera hojjetameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.